Posts

SEENAA GOOTA OROMOO ALIYYI CIRRII

Image
  Seenaa Goota Oromoo Aliyyii Cirrii Kutaa 1ffaa Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincilaa Baalee keessatti loluun hirmaatanii yoo ta'u jeneraal Waaqoo Guutuu faana sirna Naf*anyaa lolaa turan. Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti bara 1921 abbaa isaa Cirrii Jaarraafi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate.[1] Koloneel Aliyyiin ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa ture obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin ture. Koloneel Aliyyiin haadha warraa afurirraa ijoollee 25 horateera. Aliyyiin akkaataa itti maatii horate yoo dubbatu "Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre." Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna naafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa t...

DUBARTII ULFOOFTE FI SINBIRA!

Image
  Dubartii _ulfaa_fi_sinbira!! Seenaa aja'ibaa kana osoo hin dubbisiin hin darbiin. *************************** Dubartii ulfaa tokkotu baay’ee dadhabdee muka jala taa’aa turte. Baay'ee dheebottees turte garuu naannoo sana bishaan dhugdu argachuu hin dandeenye. Baay'ee gadditee jirti garuu osoo taa’aa jirtuu bishaan mukarraa coccobu tokko argatte. Kana booda bishaanicha qodaa (meeshaa) xiqqoo wayiitti kuufachu egalte. Gaafa bishaanichi Guutuuf walakkaa gahu dhuguuf jettee baay’ee gammadde, kana booddee simbirri tokko fiigaa dhuftee harkaa rukuttee dhangalaste. Walitti ansuudhan si'a sadii bishaan isheen kuufatte turte simbirron kun jalaa dhangalaste. Isheenis baay’ee gaddite. gadduu isherran kan ka'e simbira bishaan ishee jalaa dhangalaste sana ajjeste. Ergasheen ajjestee booda jawwee baay'ee guddaa fi sodaachiisaa ta'e tokko mukaa isheen irraa bishaan qeenfachaa turterra gad itti bu'uuf jedhu argite! bishaan isheen dhuguuf kuufacha turte sun bishaan...

SEENAA ARTIST DR ALII BIRRA

Image
  SEENAA GABAABAA-Dr.K. ALII BIRRAA(1948-2022) Alii Birraa abbaa isaa Mahaammad Muusaa fi haadha isaa Faaxumaa Alii-rraa, Xaaliyaanii biyya keenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948, magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Kaabaa kan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamu-tti nama dhalate. Mahammadii fii Faaxuma wal fuudhanii bara shanitti, Alii dhalatee amata sadihii, wajji jiraachuu dadhabanii adda deeman. Yaroo tana abbaan Alitti waan cicheef Faaxuma odoo hin jaalanne ilma isii abbatti dhiiftee, Ejersa Gooroo, biyya itti dhalattee guddattetti, deebite. Haalli kuni, Ali, abbaa malee haadha dhablee godhe. Haa tahu malee Rabbi adaadaa isaa, Maryam Muussaa (Aboonyi), obboleeytii abbaa, bakka haadhaa buuseef. Abbaan Alii, Mahammad, nama ogummaa hujii harkaa tiin beekkame. Hujii tanaan nama Sharikaa Baaburaa-tti mindaawe. San biratti, koontiraata hujii tan boombaa bishaanii manneeniif naquu fii, bakka caphe tolchuu tiin bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa waliin qabuun nama ji...

SEENAA GOOTICHA OROMOO BAKHAR WAARE!

Image
  SEENAA BAKAR WAAREE Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka amma aannaa Jarsoo aradaa burqaa miixe (Laga Mixee) jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa kan Raabaa fi Doorii Baarentummaa kan Addeellee maadheftattee Fugug bulchu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug kan teessuma man- bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa, Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii adda durummaadhaan murtii fi hoggansa kennaa ture. [1] Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ijoolleen Qalloo afran (Afran Qalloo) jachuuniis Daga , Oborraa, Baabbile, Ala fi ijoollen Anniyaa Sadachaa fi Kodheellee waraana weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana Oromoo (murtii guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isa...

Seenaa Abbaa Qabeenya Oromo Yaadataa Juneeydi kana beektu.?

Image
  Seenaa ilma oromoo kana beeytuu? Abbaa qabeenyaa Dureeysa_Gamna ilma sabaa;!!) Abbaa Qabeenyaa Oromoo bara 2014 Gibira sadarkaa biyyaattii tokkoffaa khafale. Qarshii 1,511,173,793 (Biliyoona tokkoo fi miliyoona dhibba shanii fi kudha tokkoo fi kuma dhibba torbaa fi dhibba torbaa fi sagaltamii sadi) kafale. Abbaa Qabeenyaa Oromoo Reeffa Sooreysa Jaarraa_Abbaa_Gadaa Biyya Yemen keessatti awwaalamuu hin qabu jechuun yeman irraa birrii miliyoona 3 ol baasuun xiyyaara kireeffatee biyya oromiyatti galche. Osoo doorsisaa fi sodaachisa “wayyaaneef gadin jedhin . Abbaa Qabeenyaa jalqaba artist Hacaaluu Hundeessaaf Makiinaa (Konkolaataa) lama (2) biteef. Abbaa Qabeenyaa Dr. Kabajaa Artist_Ali_Birraa Birrii Miliyoona 33 ol itti baasee yaalchise. Hanga ammaas yaalchisaa jiru. Abbaa Qabeenyaa Artist_Adam_Harun Stroke'n miidhamee Qabeenya guddaan yaalchisee akka dhaabbatee deemu taasise. Abbaa qabeenyaa kan gaafa wayyaneen khazinaa biyyatii qullaa dhiiftee qabeenya jiru fudhattee baate Khan...

PSYCHOLOGICAL ANALYSIS

Image
  PSYCHOLOGICAL ANALYSIS  inxala Sammuu Addunyaan tun eessaa garamitti? Ilmi namaa jiraachuudhaaf bu'aa bayii jireenyaa hadhaa fi mi'aa keessa qaxxaamuree tattaaffii fi carraaqqii wal irraa him cinneen galma gaya. Imala tirannaa milkaa'ina isaa keessatti meeqa kufaa meeqa gatantaraa meeqa ka'aa hiree fi kaayyoo isaa bira gaya. Kuni osoo akkanaan jiru addunyaan dhugaa kan ijaan arginu kan hubannu kan xiinxalinu eessaa kaatee maal irra jirtii fi garamitti adeemti judhu hubachuu nu barbaachisa.Addunyaan kaleessaa seenaa waraanaa,seenaa diinagdee,seenaa qaroominaa fi seenaa amantii garaagaraa keessaa furguuggamtee as geesse.Fakkeenyaaf waraana addunyaa tokkoffaa,lamaffaa fi sadaffaa fudhannee ilaallu dandeenya.Sababii waraanota addunyaa kanniin yoo ilaalle dhimma diinagdee dhimma amantii dhimma hawaasummaa fi dhimma ol aantummaa biyyi takka biyya biroo irratti qabdu agarsiisuuf fa'a ta'a.Addunyaan ammaa tun akka as gettuf gumaachi hayyootaa galata guddaa qabu.