DUBARTII ULFOOFTE FI SINBIRA!


 Dubartii _ulfaa_fi_sinbira!!

🍎
Seenaa aja'ibaa kana osoo hin dubbisiin hin darbiin.
***************************
Dubartii ulfaa tokkotu baay’ee dadhabdee muka jala taa’aa turte. Baay'ee dheebottees turte garuu naannoo sana bishaan dhugdu argachuu hin dandeenye.
Baay'ee gadditee jirti garuu osoo taa’aa jirtuu bishaan mukarraa coccobu tokko argatte. Kana booda bishaanicha qodaa (meeshaa) xiqqoo wayiitti kuufachu egalte. Gaafa bishaanichi Guutuuf walakkaa gahu dhuguuf jettee baay’ee gammadde, kana booddee simbirri tokko fiigaa dhuftee harkaa rukuttee dhangalaste.😳
Walitti ansuudhan si'a sadii bishaan isheen kuufatte turte simbirron kun jalaa dhangalaste. Isheenis baay’ee gaddite. gadduu isherran kan ka'e simbira bishaan ishee jalaa dhangalaste sana ajjeste.😥 Ergasheen ajjestee booda jawwee baay'ee guddaa fi sodaachiisaa ta'e tokko mukaa isheen irraa bishaan qeenfachaa turterra gad itti bu'uuf jedhu argite! bishaan isheen dhuguuf kuufacha turte sun bishaan isa sirrii hin turre. Bishaanichi dafqa qaama jawwerra coccobu ture.
Kana booda hedduu gaddite simbirroon du'a dubartittii olchite! isheen garuu ni ajjesfte.
Sinbira kana ajjeesuun ishee garuu hammeenya yaaddee miti miiraa aariin hogganamteetu!
kanaafuu miira keessaa baanee tasgabbiidhaan waan murteessinu tokko haa raawwannu!
Haga xumuratti waan dubbiftaniif galatoomaa!

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA GOOTICHA OROMOO BAKHAR WAARE!

Seenaa Abbaa Qabeenya Oromo Yaadataa Juneeydi kana beektu.?

SEENAA GOOTA OROMOO ALIYYI CIRRII