Seenaa Abbaa Qabeenya Oromo Yaadataa Juneeydi kana beektu.?
Seenaa ilma oromoo kana
Abbaa qabeenyaa Dureeysa_Gamna ilma sabaa;!!)
Abbaa Qabeenyaa Oromoo bara 2014 Gibira sadarkaa biyyaattii tokkoffaa khafale. Qarshii 1,511,173,793 (Biliyoona tokkoo fi miliyoona dhibba shanii fi kudha tokkoo fi kuma dhibba torbaa fi dhibba torbaa fi sagaltamii sadi) kafale.
Abbaa Qabeenyaa jalqaba artist Hacaaluu Hundeessaaf Makiinaa (Konkolaataa) lama (2) biteef.
Abbaa Qabeenyaa Dr. Kabajaa Artist_Ali_Birraa Birrii Miliyoona 33 ol itti baasee yaalchise. Hanga ammaas yaalchisaa jiru.
Abbaa Qabeenyaa Artist_Adam_Harun Stroke'n miidhamee Qabeenya guddaan yaalchisee akka dhaabbatee deemu taasise.
Abbaa qabeenyaa kan gaafa wayyaneen khazinaa biyyatii qullaa dhiiftee qabeenya jiru fudhattee baate
Khan aangoo qabate ilmaan oromoo ti jechuun
Qabeenya isarraa birrii milliyoona 100 itti kannee kanaan sochoo’aa jedheen.
Brighton_Trading
Brighton_Imports and Exports
Brighton_Real_State
Brighton_Motors
Brighton_Car
Yadeta_Juneydi_Car_Import and Sale!
Yadeta_Juneydi_Bekri (Murad_Saanii)!!
Anaaf addatti abbaadha!
Ilma_Sabaati!
Sabni Oromoo ilma isaa kana baru qaba!
Qabeenyi isaatiis kan saba kanaa waan taheef tiksuun, kana caalaa sadarkaa addunyaatti ol guddisuun gahee keenya tahuu beekuun dirqama.
Inninuu Oromoof qabeenya.!!!
Seenaa isaa (Imala Ilma Sooressa harargee bahaa Watarii hanga Brighton) jedhuun, haala ajaa'ibsiisaa taheen yeroo biraa ballinaan itti deebina.
Dubbisuu keessaniif Galatoomaa
Obboleessa keenya kana umrii dheertuu waliin
Rabbiin qabeenya gubba gubbaan itti haa kennu ammallee!

Comments
Post a Comment