SEENAA GOOTA OROMOO ALIYYI CIRRII
Seenaa Goota Oromoo Aliyyii Cirrii Kutaa 1ffaa
Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincilaa Baalee keessatti loluun hirmaatanii yoo ta'u jeneraal Waaqoo Guutuu faana sirna Naf*anyaa lolaa turan.
Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti bara 1921 abbaa isaa Cirrii Jaarraafi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate.[1] Koloneel Aliyyiin ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa ture obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin ture.
Koloneel Aliyyiin haadha warraa afurirraa ijoollee 25 horateera. Aliyyiin akkaataa itti maatii horate yoo dubbatu "Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre."
Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna naafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa ture yoo ta'u, haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa baasaa ture. Qabsoo isaanitiin, Cirriin garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin Sannateetti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru. Mootummaan Hayilasillaasee loltootni isaa dhumachuu erga dhaga’ee booda hoomaa waraanaa baay’ee erguun abbaan Aliyyii Cirriin akka qabamu godhe. Erga qabameen booda mana hidhaa Gobbaatti hidhame. Waggaa shaniif achuma Gobbaatti mana hidhaa keessaas ture.
Waggaa shan booda, qaamni mootummaa Hayilasillaasee, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedheen. Cirriinis, qabsoon waan itti urgaa'ef kaffalee ba’e. Erga hiikkamee, Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maalirra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, Abduramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise.
Gabrummaa ummatarraa ga'uun kan aare koloneel Aliyyiin, qabsaawuf umurii isaa 12tti gara bosonaa seene. Qabsoosaa jalqabaa Mahaammad Gadaa Qaalluu wajjin godhe. Baaletti, yeroo Aliyyii Cirrii ijoollee turetti, qabsoo kan jalqabe Mahaammad Gadaa Qaalluuti. Aliyyii Cirriifaan lola Mahaammad Gadaa Qaallurraa baratan. Mahaammada Gadaa, qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateen sirna Nafxanyaarratti lola jalqabe. Sirna Hyilasillaasee sanarra Oromoof Xaaliyaanii wayya jedhu Haji Adam Tiinnaa seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yoo himan. Sirni Nafxanyaa Mahaammad Gaadaa Qaalluurratti karaa sadi'iin duula irratti bane. Isaanis karaa Gadab, Raammii W/mikaa’eel, Muloo Daadhii, Saannata, Hangeetuu, Manniisaan lola guddaatu ta’e. Waraana kanarratti gootonni Oromoo sadan, Huseenonni loltoota nafxanyaa 56 ajjeesuun wareegamaniiru.
Waraannii Mahaammad Gadaa Qaalluu laafee hiikkachuu jalqabe. Innis Raayituu Galdii seene. Booddees qabamee mootummaa Hayilasillaaseef dabarfamee laatame. Mana hidhaa Gobbaattis summii nyaachifamee ajjeefame. Rabbi Raamata haa godhuuf.
Kutaan lammaffaa itti fufa .........

Comments
Post a Comment