SEENAA GOOTICHA OROMOO BAKHAR WAARE!


 SEENAA BAKAR WAAREE

Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka amma
aannaa Jarsoo aradaa burqaa miixe (Laga Mixee)
jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa kan Raabaa fi
Doorii Baarentummaa kan Addeellee maadheftattee Fugug
bulchu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture.
Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug kan teessuma man-
bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa,
Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere,
Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi


hawaasummaa irrattii adda durummaadhaan murtii fi
hoggansa kennaa ture. [1]
Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan
hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa
Bahaa keessa jiraatan ijoolleen Qalloo afran (Afran Qalloo)
jachuuniis Daga , Oborraa, Baabbile, Ala fi ijoollen Anniyaa
Sadachaa fi Kodheellee waraana weerartoota nafxanyaa
ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana Oromoo
(murtii guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan
booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree
ta'u filatan.
Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa
Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoorraa mooraa
Fugugitti isaan ga'ee booda ture. Fillannoo kanarrattis
sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman
yoo ta'u isaaniis Anniiyyarraa Hargaaya, Afran Qalloorra
Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa
fi Mareenyi yoo ta'u kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay
Galmoo Amiir Abdulaahii waliin ta'anii haala walii gala
waraana kanaa akka hogganan gaafatan. Ta'us Amiir tole
hinjenne. Sababniis yeroo sanatti Amiir abbaasaa kan
deeggarsa Oromoo qabu mootummaa Ijiipti waliin
angoorraa fonqolchee gara angooti dhufuunsaa yeroo
xiqqoo waan ta'eef haala waliigala waraana sanii hogganuu
hindandeenye. [1]
Lola Calii Calanqooirratti gaggeeffame irratti, gootichi
hogganaa waraana oromoo Bakar Waaree gootummaa fi
gootummaa isaarraa kan ka’e miilasaa kan irraa cite osoo
ifin dhagahin hanga lolli goolabamuuf gahutti kan ture ta'u
isaatu himama. Miilli isaa

Comments

Popular posts from this blog

Seenaa Abbaa Qabeenya Oromo Yaadataa Juneeydi kana beektu.?

SEENAA GOOTA OROMOO ALIYYI CIRRII