TAJAAJILA FAYYAA KARAA Technology tin!


Tajaajila fayyaa (Healthcare services)

Kaayyoon tajaajila fayyaa maali? Tajaajilli fayyaa akkamiin fooyya`a?
Biyyoota guddatanitti tajaajilli fayyaa karaa barumsaas tahe karaa technology yookaan karaa meeshaalee tajaajila fayyaaf oolaniin hedduu guddateera. Qorichoonni dhukuba adda addaaf fayadamanii fi qorannoon fayyaa adda addaa fakkeenyaaf kan akka X-ray, Ultrasound, CT-Scan,MRI baayyee fooyya`aniiru. Biyya keenyatti tarii barumsi jiraachuu dandaha. Meehsaaleen kunneenis haga tahan jiraachuu ni malu garuu namoota muuxannoo qaban hedduu waan qabnu hin sehu. Warreen baratanis meeshaa fi qoricha barbaachisu dhabuun yeroo baayyee nama yaaluu dadahbuun akka rakkatan beekamaadha
Har`a waaniin dubbachuu barbaadu garuu waa`ee meeshaalee hammayyaa yookaan barumsa gurguddaa miti. Akkaataa itti tajaajila fayyaa keninu dha. Dhukubsataan tokko gargaarsa fayyaaf yeroo gara hospitaalaa dhufu waardiyaarraa kaasee akkamiin simatama? Manni galmee dhukubsataa akkamiin tajaajilu yookaan keesumsiisu? Dhukubsataan kun narsoota biratti akkamitti ilaalama? Dookterri tokko dhukubsataa kana akkamitti ilaala? Dokterri tokko gara dhukubsataa kanaa gaafa dhufu akkamitti dubbisa? Akkamitti gaaffilee gaafata? Dhukubsataa kana akkamiin mariisisa? Waan godhu itti himaa? Rakkoosaa sirriitti ibsaafii?
Dhukubsataan kun gara manaa gaafa galu barumsa yookaan gorsa barbaachisu argatee galaa? Walumaa gala mudannoo yookaan muuxannoo dhukubsataan tokko hospitaala seenee haga bahutti argu akkamiin ibsa laata?

(patient-centred quality healthcare)

Technolog

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA GOOTICHA OROMOO BAKHAR WAARE!

Seenaa Abbaa Qabeenya Oromo Yaadataa Juneeydi kana beektu.?

SEENAA GOOTA OROMOO ALIYYI CIRRII