DUBARTII ULFOOFTE FI SINBIRA!
Dubartii _ulfaa_fi_sinbira!! Seenaa aja'ibaa kana osoo hin dubbisiin hin darbiin. *************************** Dubartii ulfaa tokkotu baay’ee dadhabdee muka jala taa’aa turte. Baay'ee dheebottees turte garuu naannoo sana bishaan dhugdu argachuu hin dandeenye. Baay'ee gadditee jirti garuu osoo taa’aa jirtuu bishaan mukarraa coccobu tokko argatte. Kana booda bishaanicha qodaa (meeshaa) xiqqoo wayiitti kuufachu egalte. Gaafa bishaanichi Guutuuf walakkaa gahu dhuguuf jettee baay’ee gammadde, kana booddee simbirri tokko fiigaa dhuftee harkaa rukuttee dhangalaste. Walitti ansuudhan si'a sadii bishaan isheen kuufatte turte simbirron kun jalaa dhangalaste. Isheenis baay’ee gaddite. gadduu isherran kan ka'e simbira bishaan ishee jalaa dhangalaste sana ajjeste. Ergasheen ajjestee booda jawwee baay'ee guddaa fi sodaachiisaa ta'e tokko mukaa isheen irraa bishaan qeenfachaa turterra gad itti bu'uuf jedhu argite! bishaan isheen dhuguuf kuufacha turte sun bishaan...