Posts

Showing posts with the label beker ware hestory

SEENAA GOOTICHA OROMOO BAKHAR WAARE!

Image
  SEENAA BAKAR WAAREE Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka amma aannaa Jarsoo aradaa burqaa miixe (Laga Mixee) jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa kan Raabaa fi Doorii Baarentummaa kan Addeellee maadheftattee Fugug bulchu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug kan teessuma man- bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa, Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii adda durummaadhaan murtii fi hoggansa kennaa ture. [1] Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ijoolleen Qalloo afran (Afran Qalloo) jachuuniis Daga , Oborraa, Baabbile, Ala fi ijoollen Anniyaa Sadachaa fi Kodheellee waraana weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana Oromoo (murtii guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isa...