SEENAA GOOTA OROMOO ALIYYI CIRRII
Seenaa Goota Oromoo Aliyyii Cirrii Kutaa 1ffaa Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincilaa Baalee keessatti loluun hirmaatanii yoo ta'u jeneraal Waaqoo Guutuu faana sirna Naf*anyaa lolaa turan. Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti bara 1921 abbaa isaa Cirrii Jaarraafi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate.[1] Koloneel Aliyyiin ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa ture obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin ture. Koloneel Aliyyiin haadha warraa afurirraa ijoollee 25 horateera. Aliyyiin akkaataa itti maatii horate yoo dubbatu "Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre." Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna naafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa t...